2 Chronicles 8:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Seera abbaani isaa Daudini kaye gula, inni qaaloleefi worra Lawi, ka qaalole sirbaafi huji keesa qarqaaru, huji worra ta guyya ch'ufa iti qoode. Inni ammalle worra Mana Waaqa eegu huji gargari qoodeefi, huji guyya ch'ufa ta balbala eegani iti kenne, seera Daudi namicha Waaqa kaani gula.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Solomoon seera abbaan isaa Daawiti kenne hordofee worra gadootaatii fi worra Leewwotaa ka huji'ii fi faaruu faarfachu'uun isaan gargaaran hujii guyya guyya'aan isaan hojjatan qopheesseef; akkuma Rabbi Daawitii seera baasetti worri mana woyyuu eegan balbala dallawan maraa akka eeganii hujiillee hojjataniif hojii isaanii qoodee kenneef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni seera abbaa ifii Daawitii hordofiisaan hayyoota hujii hujii isaaniititti, Lewwoota waan guyyaa guyya'aan barbaachisu hayyoota akka qarqaaranuuf, faaruulle'een leellisa akka dhikeessanu hujii hujii isaaniititti isaan ramade; inni ammalle akkuma nami Waaqaa Daawiti ajaje, worri karra eegu karra mara akka eeganu godhe.