2 Chronicles 8:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Baalathi, dira inni sagale keesati olkeyatu, dira fardaafi gaarini fardi hirkisu ka isaa, iti galu. Ammalle inni waan ijaarsa ka Yerusalemu keesafi Lebanoni keesafi lafa d'ibi inni mohatu ch'ufa keesati jaarani, ka qara inni herege ch'ufa, jaare hobaase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qachaa Ba'aalaatii qachoota meeshaa woraanaa keessa kaayatan, qachoota gaariin fardaatii fi faradoon keessa jiraatan maraa Solomoon akkaataa kanaan hujii ijaarsaa ka Yerusaalem, biyya Libaanosiitii fi qachoota biyya ufii bulchu maraa irratti ijaaru'uuf karoorfate ijaaree fixe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma qachaa Ba'aalaatii, qachoota gootaraa midhaaniitii fi qachoota meya adda addaa mara, qachoota garreettaan fardaan harkifamu keessa tee'anuu fi qachoota abbootiin fardaa keessa le'anu, waan ijaaruu yaade maralle Yerusaalemitti, Libaanonitti, kutaa biyya ifii bulche mara keessalle'etti ijaarsise.