2 Chronicles 9:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyitiini Sheba gurra Solomoni d'ageete jennaani, imaltu gara Yerusalemu d'at'e, dubbi jajabdu isa gaafate. Isiini namaafi geejiba gaala heddu, ka qumbifi d'akhaaye ch'uch'ulut'ufi worqi muumme inqamne baatu, woliini d'ufte. Isiini Solomonini woli arginaani waan garaa qabdu ch'ufa gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootittiin biyya Saaba'aa hennaa gurra Solomoonii mishaa dhageette urgooftu'uu fi worqii hedduu, mi'a gatiin isaa gudda'aa gaala irratti feesiftee namoota kabajjaman woliin Yerusaalemiin keessatti gaafi'iin Solomooniin qoru'uuf isa bira dhaxxee hulee inni jiru seentee waan gara'atti yaadde maraa isatti himte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootittiin biyya Sheeba'aa gurra Solomoonii dhageettee, gaaffii rakkittuu isa gaafatiisaaf gara Yerusaalemii dhutte. Isiin namoota hedduu qabattee uddowaa adda addaa, worqi'ii fi dhakaa gatii guddo'oo bacaa gaalotatti feesifattee dhuttee, yennaa Solomooniin wol dhaggite, waan gadhaa ifiititti yaadatte mara isa woliin dubbatte.