2 Chronicles 9:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Barch'umani suni faano jaa ta yaabatanini qaba, ammalle fulla miila ira d'aabatani ta worqiini ch'okhani iti tolchani. Ammalle barch'uma suni fulla harka ira keyataniti gama lachu jira. Akheekha nyeench'ale gama lachuti mid'aasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Teessoon ulfinnaa ka inni hojjate waan irra ol bayaniin jaha qaba; waan irra ol bayaniin kana bita'aa fi mirga isaatitti fakii leencaa tokko tokkotu jira; isaan maraa irra wolumatti qabaa fakii leencaa kudha lamatu jira; hulee irra ijjatanillee teessoo ulfinnaa saniin wolitti qabsiisanii hojjataniiran; hulee harka itti irkifatan ka gamaa gamanaatittillee fakii leencaatitu jira; teessoon ulfinnaa ka kana fakkaatu biyya kamiin keessallee hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barcumaan mana mootumma'aa sun yaabbannoo jaa fi faanoo miilaa ka barcumaa mootumma'aatiin wolitti qassiifamee worqii irraa hujame qabaayyu; cinaa isaa middaa fi bita'aan waan harka irra keyatanu qabaayyu. Waan harka irra kiyatanu san gama lamaaniinuu fakkii neenqaa lamatti dhaabbateera.