2 Chronicles 9:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
sagale isaani gololchanifi fulla hojattuuni isaa iti galtufi ammalle kara hojattuuni isaa hujiini hojatufi, woya worri naqatufi, hojattu guyya jila isa gololchitufi sorio inni Mana Waaqa keesati baasule ch'ufa agarte jennaani aka male mamte, afaani qabatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
waan inni nyaatu, akkaataa bulchoonni isaanii itti hojjatanii fi itti uffatan, worra daadhii ansaadanii fi akka isaan uffata itti uffatan, ciincaa inni mana woyyuu keessatti Rabbiif dhiyeessu maraa haga argite waan kanniin maraa argitee, waan dura yaadde caalaa maalalchiisaa ta'ee argite.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
isiin sagalee qorii isaatitti dhikaattu, akka qondaaltoti isaa itti tee'anu, akka tajaajiltooti isaa tajaajila isaaf kennanuu fi akka isaan uffana ifii itti uffataneeranu, akka Solomoon Galma Waaqaa keessatti ciincaa itti dhikeessu yennaa dhaggite, guddoo maadeffatte.