2 Chronicles 9:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqa kanke ha faarsaniti! Inni si maache, hayyu si tolche, aka atini maqa isaatini worra Israeli mohatu. Waan inni haga jiru jireenna worra isaa ka Israeli jaalate jabeesu fed'uufi, inni hayyu worra si tolche, aka atini d'ugaani worra fidde seerale jabeesitu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Waandhi kee ka akka ati mootii taatee hojjattuuf jaalatee si muude haa eebbifamu; Waandhi kee Israa'eliin baraa haga bara baraa jabeessee isaan dhaabuu waan barbaadeef akka ati murtii qajeelaa murteessituuf isaan irratti si muude» jetteen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ka si jaalatee, barcumaa mootumma'aa ka ifii irra si teessisee, akka ati bulchituuf mootii ka si godhe leellifamuu ti. Inni kolbaa ifii Israa'el waan jaalatuuf haga bara baraa akka isaan le'anu waan fedhuuf, ati haqa akka murtuu fi balchummaa akka hujju isaan irratti mootii si godheera» jette.