2 Corinthians 1:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Amma wonni nuuti ifi jajannuun kana: Le'iin nuuti biyya lafaa tana keessa leene, keessattuu akki nuuti isin woliin leene, woyyumma'aa fi qajeelummaa Waaqa irraa dhagganneen akka te'e wodaanaan keenna dhugaa baya. Kunille badhadha Waaqaatiin malee, qarummaa namaatiinii moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti nu ufi guddimnuufi tana: heregi keenna aka dansa nu beesisa, aka lafa tana keesa, keesuma jiddu teennaafi teesani, nu garaa tokooni d'uga Waaqi nu kenneefi eeba Waaqaatiini teenne, ammo qalbi namatiini inteenne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii nu ufi guddimnuuf tana; herregii keenna akka dansaa nu beesisa, akka lafa tana keessa, keessuma jiddu teennaa fi teessan, nu garaa tokkoon dhugaa Waaqii nuu kennee fi eebbaa Waaqaatiin teennee, ammoo qalbii namaatiin hinteenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa wonti nu ittiin uf janyu kana waan ta'eef ogummaa fooniitiinii miti; badhaadhummaa Rabbiitiin malee. Woyyummaa Rabbiitii fi qajeellummaa adunyaa tanaa calla'atti isin bira akka jiraanne sammuun keenna raga'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa wonti nu ittiin uf janyu kana waan ta'eef, ogummaa fooniitiinii miti. Badhaadhummaa Rabbiitiin malee. Woyyummaa Rabbiitii fi qajeellummaa adunyaa tanaa caalla'atti isin bira akka jiraanne sammuun keenna raga'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Wonitti ittiin dhaadanu kana, kun'llee dhugaa ta'uu isaa sammuun keenna nuuf ragaa ni baya, namoota kaanniinii fi keesumaanuu isin woliin wolitti dhufeenni ni qabnna ture, qulqullaayoma Waaqa biraa arigannee fi qajeelumaan ka hunddaaye, kun'llee ka ta'e kennaa Waaqaa ka bilisaatiin malee, ogummaa namaatiin hin turre.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma wonni nuuti ifi jajannuun kana: Le'iin nuuti biyya lafaa tana keessa leene, keessattuu akki nuuti isin woliin leene, woyyumma'aa fi qajeelummaa Waaqa irraa dhagganneen akka te'e wodanaan keenna dhugaa baya. Kunille badhaadha Waaqaatiin malee, qarummaa namaatiinii moti.