2 Corinthians 1:14 — Compare Translations
6 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin amma marroo teenna gamisa beettan; duuba irra ammoo guutattanee akka hubattanu hin addadha. Sababa kanaan guyyaa Goottaan Yesuus dhufu akkuma nuuti isiniin ifi jajanu, isinille nu'uun ifi jajjan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
hegeri hubattani, aka Guyya Aabbo Yeso isanileeni akuma nu maro teesaniifi ufi guddimnu maro teennaafi ufi guddiftani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
hegerii hubattan, akka guyyaa Aabboo Yesus isaniilleen akkuma nu marroo teessaniif ufi guddimnu marroo teennaaf ufi guddiftan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
isinillee worra nuun boonu akka taatan, nullee akkasuma worra isiniin boonu akka taanu, waan mishaa waan keenna akka hubattan, guutumatti akka hubattan abdii godha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amma waayee keenna ka beekittan gamisaan, maa'ii garuu guutumma'aan akka hubattaniin abddii ni taasisa, waayee kanaan'llee Gooftaan Yesus guyyaa itti dhufutti, nu'u isiniin akka dhaadannu, isin'llee nu'uun ni dhaadattan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year