2 Corinthians 1:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya! Rakkoo lafa Asiya'aa keessatti nu dhaqqadde, akka beettanu barbaanna. Rakkoon nu dhaqqadde sun guddoo ulfaattu'uu fi hunna teennaan ol waan teeteef, addii jiru'uun le'iisaa kutanneerraayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oboleyaani, nu gaargala lafa Asia keesati arganne isani qaabsiisu feena. Baani nura kayani waan guddo, ammalle aka male nuti ulfaate, tanaafi nu waan jiraannu ufi inseene.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyaan tiyya, nu gaargala lafa Asiyaa keessaatti nu dhaqabe (nurra ga'e) isan qaabsiisu feena. Bahaan nurra kaayan waan guddoo, ammallee akka mallee nutti ulfaatte, tanaaf nu waan jiraannu ufi hinseene.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rakkinna keenna ka Isiya'atti nu irraa gaye obboleeyyan teenna rakkinna keenna akka beettan feena. Waan jireenna keennaatuu haga abdii kutannutti hunna keennaa ol haga ta'utti nutti ulfaate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rakkinna keenna ka Isiya'atti nu irraa gaye obboleeyyan teenna, akka beettan feena. Waan jireenna keennaatuu haga abdii kutannutti hunna keennaa ol haga ta'utti nutti ulfaate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! Kutaa biyya Asiya'aa yeroo turetti rakkinna nurra gayee akka beekittaniif ni jaalanna, rakkinni nurra gaye kun'llee haga baadhachuu dandeennuu olitti nurratti kufee waan tureef, lubbu'uun jiraachu'uuf abddiin qabnnuuyyuu, addaan citee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Rakkoo lafa Asiya'aa keessatti nu dhaqqadde, akka beettanu barbaanna. Rakkoon nu dhaqqadde sun guddoo ulfaattu'uu fi hunna teennaan ol waan teeteef, addii jiru'uun le'iisaa kutanneerraayyu.