2 Corinthians 10:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri akkasii waan nuuti fagoo jiraannee barreessinuu fi waan yennaa isin woliin jirru hunyu odduu garaa garummaan akka hin jirre hubatuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami akana kunini, aka dubbini yo nu fago jirru t'aamnuufi yo nu d'io jirru dubbannu taka, ha hubatuuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii akkanaa kunin, akka dubbiin nu yo fagoo jirru barreessinuu fi ta nu yo dhi'oo jirru dubbannu takkaa, ha hubatuutii.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa fagoo jirru, karaa dhaamsa keennaatiin dubbi'iinillee akkuma dubbanne hennaa afoo jirru huji'iinillee akkasuma akka taane haa hubatanii.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa fagoo jirru, karaa dhaamsa keennaatiin dubbi'iinillee akkuma dubbanne akkasuma hennaa afoo jirru huji'iinillee akkasuma akka taane haa hubatanii.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni kana jedhan nu'u fagoo taanee ergaawwan keennaan ka barreessinuu fi dhiyeennatti'llee isin woliin taanee hujii hojjannu jidduu, garaa garummaan woyiituu ka hin jiraanne ta'uu haa hubatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri akkasii waan nuuti fagoo jiraannee barreessinuu fi waan yennaa isin woliin jirru hunyu odduu garaa garummaan akka hin jirre hubatuu ti.