2 Corinthians 10:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf meessa Waaqi nuu murteesse irra dabarree, hujii worra dhibi'iitiin haga malee ifi hin janyu; addee akkasii dhugeeffannaan teessan akka guddattuu fi hujii teennalle haga meessaa Waaqi nuu murteesseetitti, odduu teessanitti irra caalaa akka babadhatu hin addanna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi nu waan huji nami d'ibiini hojateefi, ta qooda keenna keesa injirre jenne ufi inguddimnu. Ammo, nu inabdanna aka d'ugefachaani teesani guddatte nu huji hagasi ira dansa hojachu dandeennu, ammo qooda Waaqi nu herege gula.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf nu hujii namii dhibiin hojjate, ta qooda keenna keessa hinjirree jennee ufi hinguddimnu; ammoo akka dhugeeffachaan teessan guddattee, qooda Waaqii nuu herrege gula hujii hagas irra dansaa hojjachuu dandeennu inabdanna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dadhabbii namoota biraatiin hagaa olitti hin boonu. Haa ta'uu ammo amantaan keessan yoo guddate biyya isiniin gama jirtutti haga lallabnutti hujiin keenna eda'a'aa gara keennaan isin biratti akka kabajjamnu abdii goona. Waan garee biraatiin hojjatameen hin boonnu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dadhabbii namoota biraatiin hagaa olitti hin boonu. Haata'uu ammoo amantaan keessan yoo guddate biyya isinii achii jirutti haga lallabnutti hujiin keenna eda'a'aa gara keennaan isin birratti akka kabajjamnu abdii goona. Waan garee biraatiin hojjatameen hin boonuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf naannoo Waaqinni nu'uuf murteesse irra dabarree hujii kaanniiniitiin haga malee hin dhaadannu, kana irra amantiin keessan akka guddatuu fi hujiin keenna'llee naannoo Waaqinni nuuf murteesse keessatti caala'atti akka babaldhatuuf, abddii ni taasfnna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf meessaa Waaqi nuu murteesse irra dabarree, hujii worra dhibi'iitiin haga malee ifi hin jajnu; addee akkasii dhugeeffannaan teessan akka guddattuu fi hujii teennalle haga meessaa Waaqi nuu murteesseetitti, odduu teessanitti irra caalaa akka babadhatu hin addanna.