2 Corinthians 10:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
ani yennaa isin bira dhufe ila jabeennaan akka ana hin dubbachiinne isin kadhadha; worra akka yaada fooniititti deddeebina nu seyanu duratti ammoo, ila jabeennaan dubbatiisaaf barbaada.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa anini d'ufu aka anini jannooma kiyya suni agarsiisu na intolchiina; wonti akanatiifi anini worra, Isani waan lafa tanaatiifi hojattani nuuni jed'u diqole insodaad'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaafa anin dhufuu akka anin jannooma kiyya sun agarsiisu na hintolchinaa; wantii akkanaatiif anin nama “Isan waan lafa tanaatiif hojjattan” nuun jedhu diqqumaallee hinsodaadhu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra akka waan aadaa biyya lafaatitti jiraannuu nu laakkayanitti amanee ija jabeennaan worra gari'itti dubbachuu yaaleera. Amantii kanaan ammo isin birattillee akka waan ugguutitti akka na hin laakkoofne isin kadhadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka waan aadaa biyya lafaatitti jiraannuu worra nu laakkawanitti amannee ija jabeennaan worra gari'itti dubbachuu yaaleera. Amantii kanaan ammoo isin birattillee akka waan ugguutitti akka na hin laakkoofne isin kadhadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
ka isin kadhadhu'llee gara keessan yeroo dhufutti uggiinsaan akka dubbadhu akka ana taasfttaniif, yaada fooniitiin akka yeroo dedeebinuu taasisanii worra tilmaaman namoota tokko tokko duranatti garuu, uggiinsaan dubbachu'uuf ni barbaada.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
ani yennaa isin bira dhufe ila jabeennaan akka na hin dubbachiinne isin kadhadha; worra akka yaada fooniititti deddeebina nu seyanu duratti ammoo, ila jabeennaan dubbatiisaaf barbaada.