2 Corinthians 11:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergantooti dhibiin sun, “Nuutille akkuma isaanii hujaarra” jedhaa sababa ittiin ifi jajanu isaan dhassiisiisaaf, akkuma amma godhiisatti jiru gara duraalle hin godha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini waan amma tolchu kana dura deeme tolchu fed'a, aka ergattuuni d'ibiini taani qoomni argatte, Aka keesani hojanna jette ufi inodeesine.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin waan amma tolchu kana dura deemeetti tolchuu fedha, akka ergamtootii dhibiin taan qoommii argattee, akka keessani hojjanna jettee ufi hinodeesine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo waan uf jajan saniin akka keenna ta'anii argamu'uuf worra sababa soqan, sababaa isaan irraa hambisu'uuf waan amma godha'aaru ammaa achillee akkasuma godha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo waan uf jajan saniin akka keenna ta'anii argamu'uuf worra sababa soqan, sababaa isaan irraa hambisu'uuf waan amma godha'aaru ammaa achillee akkasuma godha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ergamoota bira'aa sunniin, «Nu'llee akka isaanii titti ni hojjanna» jedha'aa, dhimma ittiin dhaadatan isaan dhabsiisu'uuf amma, waan raawwadhu ufi durana'llee ammoo ni raawwadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergantooti dhibiin sun, «Nuutille akkuma isaanii hujaarra» jedhaa sababa ittiin ifi jajanu isaan dhassiisiisaaf, akkuma amma godhiisatti jiru gara duraalle hin godha.