2 Corinthians 11:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa hedduu ideensa irra waan tureeruuf, balaan laga guutee, balaan santootaa, balaan gosa tiyyaatii fi worra Yihudoota hin te'in irraa, balaan qacha'aa fi gammoojjii keessatti, balaan abbaayaa keessalle'etti, balaan kiristaanota dharaameyyii irraa na dhaqqabeera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Imaltu tiyya heddu keesati ya lubbu arge, maro bisaanitifi hattule; gosa tiyya ta Yahuditiifi gochiti d'ibileeni ya lubbu na nat'e; diraafi raasafi Galaanafi jaallani d'ara biraleeti ya lubbu arge.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Imaltuu tiyya hedduu keessaatti ya lubbuu arge, marroo bisaaniitii fi hattoollee gosa tiyya ta Yihuditii fi gochitii dhibiilleen ya lubbuu na naxxe; dira keessaatti, raasaa keessaatti, galaanaa fi jaallan dharaa biraalleetti ya lubbuu arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa hedduu karaa deeme; sodaa lagaa, sodaa saamtu'uutiin, sodaa gosa kiyyaa, sodaa worra Yihuudii hin taanee, sodaa qachaa keessaa, sodaa lafa gammoojji'ii, sodaa galaanaa, sodaa kijiba obboleewwanii fa'aan sodaata'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa hedduu karaa deeme, sodaa lagaa, sodaa saamtu'uutiin, sodaa gosa kiyyaa, sodaa worra Yihuudii hin taanee, sodaa qachaa keessaa, sodaa lafa gammoojji'ii, sodaa galaanaa, sodaa kijiba obbolootaa fa'aan sodaata'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Baayi'inna deemssa kiyyaatiin baayi'inni lagaa fi lola'aa, galteen shifttootaa'llee narra gayee jira, worra Yihudotaatii fi worra kiyya Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irraa'llee galtteen narra gayee jira, magaala'aa fi gammoojji'itti, garba ciisa'atti'llee galtteen narra gayee jira, akkuma kana amanttoota dharttoota irraa'llee galtteen narra gayee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa hedduu ideensa irra waan tureeruuf, balaan laga guutee, balaan saantotaa, balaan gosa tiyyaatii fi worra Yihudoota hin te'in irraa, balaan qacha'aa fi gammoojjii keessatti, balaan abbaayaa keessalle'etti, balaan kiristaanota dharaameyyii irraa na dhaqqabeera.