2 Corinthians 11:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami tokko gara keessan dhufee, Yesuusii nuuti isinitti lallanne malee, Yesuusii dhibii yoo isinitti lallabe yookiin ayyaana kanaan dura fudhattane malee, ayyaana dhibii yoo fudhattane yookiin Wongeela tanaan dura fudhattane malee, Wongeela dhibii yoo fudhattane, cadhittanee itti ilaaltan jechu'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani nama d'ufe waan Kristo d'ibi isaniti hasau ch'ufa imfud'attani, ka nu isaniti hasoomneniti; ammalle isani lubbufi odu d'ibi ta Lubbufi Odu Dansa nu isaniti odeesine imfakaanne fud'attani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan ka nu isaniiti haasoomneenitii, nama dhufee waan Kiristoo dhibii isanitti haasa'u cufa hinfudhattan, ammallee isan hafuuraa fi oduu dhibii ta hafuuraa fi oduu dansaa nu isanitti himne hinfakkaanne fudhattan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka dhufullee Yesuusii biraa ka nu isinitti hin himne yoo isinitti hime, yookaan Ayyaana hin arganne ka addaa yookaan Dubbii Nagayaa hin fudhanne ka addaa yoo argitan akka misha'atti obsitan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka dhufullee ka nu isinitti hin himne Yesuusii biraa yoo isinitti hime yookiin Ayyaana hin arganne ka addaa yookiin Oduu Nagayaa hin fudhanne ka addaa yoo argitan akka misha'atti obsitan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni tokko gara keessan dhufee nu'u ka lallabnne uduu hin ta'in Yesusii bira'aa isiniif yoo lallabe, yookiin hafuura isin ufitti fudhattan uduu hin ta'in hafuura bira'aa yoo fudhattan, yookiin wongeela ufitti fudhattan uduu hin ta'in wongeela bira'aa yoo fudhattan, caldhifttaniituma injifatamtan jechu'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko gara keessan dhufee, Yesuusii nuuti isinitti lallanne malee, Yesuusii dhibii yoo isinitti lallabe yookiin ayyaana kanaan dura fudhattane malee, ayyaana dhibii yoo fudhattane yookiin Wongeela tanaan dura fudhattane malee, Wongeela dhibii yoo fudhattane, cadhittanee itti ilaaltan jechu'u.