2 Corinthians 11:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani dandeettii dubbi'ii dhabulle, beekkunsa hin qaba; nuuti yennaa maraa karaa maraan waan kana ifa isiniif gooneerra.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini hegeri guddo dubbachu imbeekhu, ammo hubacha inuma qaba; waan kana nu ya maro ch'ufaafi kara ch'ufaani isaniti himne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin hegerii guddoo dubbachuu hinbeekhu, ammoo hubachaa inuma qaba; waan kana nu ya marroo hedduu fi karaa cufaan isanitti himne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubbii kiyyaan nama baratellee yoo hin fakkaanne, beekkumsaan ammo akkanaa miti. Haa ta'uu ammo nama maraa wodhakka'aatti waan maraanuu isinitti mudhanneerra.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dubbii kiyyaan nama baratellee yoo hin fakkaanne, beekkomsan ammoo akkanaa miti. Haata'uu ammoo nama maraa wodhakka'aatti waan maraanu isinitti mudhanneerra.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Toofittaa haasayaatiin nama barate ta'uu yoma dhabaadhe'llee, beekkomissi natti hin dhidhatu, kana'llee yeroo baayi'ee karaa baayi'een, ifatti hubachiisee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani dandeettii dubbi'ii dhabulle, beekkumsa hin qaba; nuuti yennaa maraa karaa maraan waan kana ifa isiniif gooneerra.