2 Corinthians 11:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa isin woliin jiraataa woyi dhabee rakkadhe, obboleeyaan Maqedooniiya'aa dhufane waan anaa barbaachisu maraan waan na qaraqaaraneef, ani nama tokkolle'etti ba'aa hin teene. Akkuma tanaan dura ba'aa isinitti te'uu dhabe, gara duraalle ba'aa isinitti hin te'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa isani woliini jiru, anini yo hori fed'ele, isani ingaargalchine; wonti akanatiifi oboleyaani Makedonia d'ufte waan anini fed'u ch'ufa naa kennite. Akuma duri tolche hegerile intolcha: Anini haguma jiru baa ulfo isaniti imfahu!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin gaafa isana waliin jiru adoo horii fedheellee, takka isan hingaargalchine; wantii akkanaatiif obboleeyyaan Maqedooniyaa dhufte waan anin fedhu cufa naa kennite. Akkuma durii tolche hegeriillee intolcha; anin haguma jiru ba'aa ulfoo isanitti hinfahu!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin woliin uduu jiru hennaa na jalaa hanqate eennuttillee hin ulfaanne; obboleewwan Maqedooniyaa irraa dhufan waan na jalaa hanqate maraa na kennaniiran. Woma maraanuu akka isinitti hin ulfaanne uf eege, uf eegalle'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin woliin uduu jiru hennaa na jalaa hanqate eennuttillee hin ulfaanne; obboleewwan Maqedooniyaa irraa dhufan waan na jalaa hanqate maraa na kennaniiran. Woma maraanuu akka isinitti hin ulfaanne uf eege, uf eegalle'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin woliin yoo jirutti rakkoon yeroo narra gayetti obboleeyyan Maqedooniya'aa dhufan, waan ana barbaachisu maraanuu ana gargaaran waan tureef eennuun irratti'llee ba'aa hin taane, haga ammaa isin irratti womaanuu ba'aa hin taane, ufi duranaaf'llee ba'aa isinitti hin ta'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa isin woliin jiraataa woy dhabee rakkadhe, obboleeyyan Maqedooniya'aa dhufane waan naa barbaachisu maraan waan na qaraqaaraneef, ani nama tokkolle'etti ba'aa hin teene. Akkuma tanaan dura ba'aa isinitti te'uu dhabe, gara duraalle ba'aa isinitti hin te'u.