2 Corinthians 12:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ifi jajiisaan bu'aan dhaggamu jiraatuu dhabulle, ifi jajiisa yoo barbaachise yaadaan dhaggu'uu fi mudhii Goottaan anaaf kenneen ifi jaja.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato woma bahu d'ibaatele anini ufi guddisu male. Ammo anini amma waan daayyatiifi waan Aabbooni nati mullise dubbachu male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo homaa naa bahuu baatteellee anin ufi guddisuu male. Amma ammoo anin waan daayyaatii fi waan Aabboon natti mullise dubbachuu male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uf jajuun hin barbaachisa. Haa ta'uu ammo womaa hin fayyadu; yoo uf jajuu barbaade manaaba Rabbi naa kenneen uf jaja.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uf jajuun hin barbaachisa. Haata'uu ammoo womaa hin fayyadu, yoo uf jajuu barbaadee manaaba Rabbi naa kenneen uf jaja.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yoma dhaadachu'uun faayiidaan ka hin argaminne ta'e'llee dhaadachuu yoo barbaachise, muldhataa fi waan Gooftaan yaada kiyya keessa naa ibiseen ni dhaadadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ifi jajiisaan bu'aan dhaggamu jiraatuu dhabulle, ifi jajiisa yoo barbaachise yaadaan dhaggu'uu fi mudhii Goottaan naaf kenneen ifi jaja.