2 Corinthians 12:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani akka gowwa'aa dubbadhe; akka ani akkas dubbadhu isinitti na godhe; ana deeggaruu ka qaddanu silaa isin; ani woyittuu laakkowamuu dhabulle, worra ergantoota guguurdoo jedhamane karaa tokkolle'een hin hanqadhu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini aka daalle tahu jira, ammo isaniti na tolche. Nami sila na owisu male isani. Ato anini woma tahu d'ibaad'ele, anini ergattu teesani suni maand'aniti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin akka daallee tahuu jirra, ammoo isanitti na tolche. Namii silaa na oowisuu male isan; anin adoo homaa tahuu dhibaadheellee, ergamaa keessan sunii maandhaniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan booneef gowwaa ta'eera. Isin na giddisiiftan; isin silaa worra na galatoonfatu. Ani yoo womaa hin taanellee ergamtoota ijoo womaanuu hin hanqadhu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan booneef gowwaa ta'eera. Isin na giddisiiftan; isin silaa worra na galatoonfatu. Ani yoo womaa hin taanellee, ergamoota ijoo womanuu hin hanqadhu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akka gowwa'aa ni dubbadhe! Eegaa, akkanatti akka dubbadhu ka ana taasfttan isin, ana galateeffachuu ka qabddan isin turttan, ani nama eennummaan kiyya ka hin beekkaminne yoma ta'e'llee, ergamittoota ol aanttota jedhaman womaanuu hin hanqadhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani akka gowwa'aa dubbadhe; akka ani akkas dubbadhu isinitti na godhe; na deeggaruu ka qaddanu silaa isin; ani woyittuu laakkowamuu dhabulle, worra ergantoota gugurdoo jedhamane karaa tokkolle'een hin hanqadhu.