2 Corinthians 12:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Gara keessan dhufiisaaf qophawuun kiyya, amma yennaa sadeesso'oo ti; ani isinitti ba'aa te'iisa hin fedhu; ani ka barbaadu isin malee, beesee tessanii moti. Ijoollee ifiitiif karra ka kuusu worra malee, ijoolleen worra ifiitiif karra hin kuuchu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Marooni sadeeso ta anini imaltu gara keesani d'ufu tana, anini diqole ulfinna isaniti tahu imfed'u. Anini isani fed'a male, hori keesani imfed'u. Ijoolleeni abbaafi haad'a ufi nyaachisu himmalle ammo abbaafi haati ijoolle ufi nyaachisu malte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roon sadeesoo ka imaltuu gara keessan dhufu kanaa, anin diqqumaallee ulfinna isanitti tahuu hinfedhu. Anin isan fedha malee, horii keessan hinfedhu. Ijoolleen haadhaa-abbaa ufii nyaachisuu himmallee ammoo haadhaa-abbaatti ijoollee ufi nyaachisuu malte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gara keessan dhufu'uuf qophaayuun kiyya kun kunoo hennaa sadeesso'ooti. Isinittillee hin ulfaadhu, isin malee waan isin qabdan waan hin barbaanneef abbootatu ijoolle'ee birrii kaaya malee, Ijoolleen abbootaaf birrii kaayuun hin ta'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gara keessan dhufu'uuf qophayuun kiyya kun kunoo hennaa sadaffa'aati. Isinittillee hin ulfaadhu, isin malee waan isin qabdan waan hin barbaanneef abbootatu ijoolle'ee birrii kaaya malee, Ijoolleen abbootaaf birrii kuusuun hin ta'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara keessan dhufu'uuf yeroo qophaayu amma sadaffaa kiyya, ani ba'aa isinitti ta'uuf hin barbaadu, ani ka barbaadu isin malee qarshii keessanii miti. Ijoollee isaaniitiif qabeenna kuusuu ka qaban isin maati'i malee, ijoolle'ee maati'i.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gara keessan dhufiisaaf qophowuun kiyya, amma yennaa sadeesso'oo ti; ani isinitti ba'aa te'iisa hin fedhu; ani ka barbaadu isin malee, beesee teessanii moti. Ijoollee ifiitiif karra ka kuusu worra malee, ijoolleen worra ifiitiif karra hin kuuchu.