2 Corinthians 12:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tiitoos gara keessan akka dhufu kadhadhee, obboleessa keenna sanille isa woliin ergeera. Tiitoos woyi isin irraa nyaateeraa ree? Anii fi inni ayyaana tokkoonii motii ka isin tajaajille? Ideensi keennalle tokkoo motii ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini Tito kad'ad'e, aka inni deemu, oboleesa d'ibile isa woliini erge. Titoti isani dabse? Anaafi inni herega takafi adaba taka inqamnu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin akka innii deemu Tiitoos kadhadhee, obboleessa dhibiillee isa waliin erge. Tiitooti isan daalleesse wa isan irraa nyaatee ree? Naa fi innii herrega tokkoo fi adaba tokko hinqamnuu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Tiitoo gorseera; isa woliin obboleessa isaa erge, Tiitoon isin sobee? Ayyaana tokkoon hin jiraannee? fedhii tokkoon hin jiraannee?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Tiitoo gorseera. Isa woliin obboleessa isaa erge, Tiitoon isin sobee? Ayyaana tokkoon hin jiraannee? fedhii tokkoon hin jiraannee?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tiitoos gara keessan akka dhufuuf ni kadhadheen, obboleessa keenna san'llee isaan woliin ergeenii jira, eegaa, Tiitoos isinitti ni fayyadamee ree? Anaa fi inni ka isin tajaajille hafuura tokkoon hin turree ree? Adeemissi keenna hoo tokko hin turree ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tiitoos gara keessan akka dhufu kadhadhee, obboleessa keenna sanille isa woliin ergeera. Tiitoos woy isin irraa nyaateeraa ree? Anii fi inni ayyaana tokkoonii motii ka isin tajaajille? Ideensi keennalle tokkoo motii ree?