2 Corinthians 12:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin duudiin haga ammaa, waan nuuti isin duratti marroo teennaaf falmataarru gootanee ilaalaartanii? Nuuti Kiristoosiin jiraannee, Waaqa duratti dubbataarra. Jaalota tiyya! Nuuti isin ijaariisaaf jennee tana duudii dubbataarra.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hegeri isani waan nu haguma duriiti ufi dubbachu jirru nu seetani. Hiyyo, nu waan Kristoni nuu dubbachu fed'u dubbanna, fuula Waaqa durati, ammalle waan nu tolchinu ch'ufa, jaalaani tiyya, isaniini qarqaara.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan waan nu haguma duriitii ufii dubbachuu jiru seetanii? Ammoo akkasinti! Nu isan jabeessuuf fuula Waaqaa duraatti, waan Kiristoon nuu dubbachuu fedhu dubbanna, jaallan tiyya ammallee nu waan tolchinu cufaa isaniin qarqaara.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan keessaniif hennaa maraa waan uf qusannu isinitti fakkaataa? Rabbiin afo'otti Kiristoosiin keessa taanee dubbanna. Haa ta'uu ammo jaalatamtoota! nu isin ijaaru'uuf maraa dubbanna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan keessaniif hennaa maraa waan uf qusannu isinitti fakkataa? Afoo Rabbiititti Kiristoosiin keessa taanee; dubbanna. Haata'uu ammoo jaalatamtoota, nu isin ijaaru'uuf maraa dubbanna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Marri keessanuu haga ammaa titti ka yaadan nu'u isin duranatti waayee mataa keennaatiif akka waan ufi irraa ittifata taasfttaniiti moo? Nu Kristosiin taanee ka dubbannu Waaqa duranatti, Yaa waaheloota! Nu'u kana maraa ka dubbannu isin ijaaru'uuf jenneeti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin duudiin haga ammaa, waan nuuti isin duratti marroo teennaaf falmataarru gootanee ilaalaartanii? Nuuti Kiristoosiin jiraannee, Waaqa duratti dubbataarra. Jaalota tiyya! Nuuti isin ijaariisaaf jennee tana duudii dubbataarra.