2 Corinthians 12:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu adoo isin hin te'in, anille akka isin baarbaaddanu adoo hin te'in, takki wol dhaggina fa'a jedhee sodaadha. Takki fa'a lolli, hinaaffaan, aariin, ifi jaalatuun, maqaa namaa balleessuun, hamiin, kooriisaa fi hogaan odduu teessan jiraatuu jedhee sodaadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini insodaad'a aka yo ani achiini bahe isani aka anini fed'u injirtani, anileeni hegeri aka isani feetani injiru. Hegeri anini woldidiisafi qotefi dalansufi ufi jaalachafi arabaafi woli hamachafi ufi g guddisiitifi hameenna arga.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo anin achiin bahe isan akka anin fedhu hinjirtan, anilleen akka isan na feetan hinjirufaa sodaadha. Hegerii anin waldidiisaa, qoxxee, dallansuu, ufi jaalachaa, arrabaa, wali hamachuu, ufi guddisiitii fi hammeenna arga.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu taatanii isin arguu dhabuu danda'a. Anillee akka isin jaalattan san uduu hin ta'in na argitan jedhee sodaadha. Maal laataa mormiin, hinaaffaan, lolli, diiggaan, hamiin, hasaassiin, boonuun, raafamnillee hin ta'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu taatanii isin arguu dhabuu danda'a. Anillee akka isin jaalattan san uduu hin ta'in, na argitan jedhee sodaadha. Maallaataa mormiin, hinaaffaan, lolli, diiggaan, hamiin, hasaassiin, boonuun, raafamnillee hin ta'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani garas yeroo dhufutti yookiin akka ta'uu qabddan uduu hin ta'in, ani'llee akka isin barbaadan uduu hin ta'in, wol argina ta'a jedhee ni sodaadha, akkuma kana isin biratti wol dhabiinssi, hinaaffaan, dallansuun, mataa ufii jaalachuun, maqaa namaa balleessuu, hamtti, ufi tuulumma'aa fi jeeqamnni ni jiraata ta'a jedhee ni sodaadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu adoo isin hin te'in, anille akka isin barbaaddanu adoo hin te'in, takki wol dhaggina fa'a jedhee sodaadha. Takki fa'a lolli, hinaaffaan, aariin, ifi jaalatuun, maqaa namaa balleessuun, hamiin, kooriisaa fi hogaan odduu teessan jiraatuu jedhee sodaadha'a.