2 Corinthians 12:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Deebi'ee gara keessan yennaa dhufu, Waaqi kiyya isin duratti na fokkisiisa jedhee sodaadha; tanaan qara worri cubbuu battumma'aa, sagaagalumma'aatii fi baalagumma'aa hujane, waan cubbuu irraa hin deebi'iniif gaddda keessa bu'innaa jedhee sodaadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Insodaad'a, aka yo anini ammalle d'ufu, Waaqi kiyya fuula keesani durati na diqeesa, ammalle aka anini worra duri daba tolche, ammo hameenna suni ka aka daba algaloomatiifi ka d'araa hamtu ira indeebiini bohu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka yo anin ammallee dhufu, Waaqii kiyya fuula keessan duraatti na diqqeessa, ammallee akka anin warra durii daba tolche, ammoo hammeenna sun ka akka daba algaloomaatii fi ka dharraa hamtuu irra hindeebii'in boohu insodaadha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Deebi'ee yoo dhufu isin biratti Waandhi kiyya akka na hin salphifne worra dura cubbuu hojjatanii fi waan battii godhaniif seebarrii, waan worra aagii hin galinii waan namoota hedduu maal laataa hin gadda jedhee sodaadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Deebi'ee yoo dhufu isin birratti Waandhi kiyya akka na hin salphifne worra dura cubbuu hojjatanii fi waan battii godhaniif seebarrii, waan worra aagii hin galinii waan namoota hedduu maallaataa hin gadda jedhee sodaadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Deebi'ee gara keessan yoo dhufu Waaqinni kiyya yookiin isin duranatti ana ni salphisa jedhee ni sodaadha, asiin durana cubbuu hojjatanii battummaa raawwatan kanaan, sagaagalaa fi gad dhiifammummaan waayee namoota gara Waaqaa hin deebi'iniitiif, gadda irratti ni kufa jedhee ni sodaadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Deebi'ee gara keessan yennaa dhufu, Waaqi kiyya isin duratti na fokkisiisa jedhee sodaadha; tanaan qara worri cubbuu battumma'aa, sagaagalumma'aatii fi baalagumma'aa hujane, waan cubbuu irraa hin deebi'iniif gaddda keessa bu'innaa jedhee sodaadha.