2 Corinthians 12:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani dhugaa waan dubbataaruuf, ifi jajiisa yoo barbaadelle ani hin gowwoomu; ammoo eennulle waan ana irratti dhagguu fi waan ana irraa dhage'u caalaa akka hin herrenneef, ifi jajuu irraa ifi qusadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo anini ufi guddisu fed'e, anini sila daalle intahu; maro d'uga dubbad'eefi; ammo anini ufii inguddisu; wonti akanatiifi anini nama tokole ka na saadu infed'u, ammo aka inni waan anini tolcheefi ka anini jed'e ch'alla arge saadu fed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin yo silaa ufi guddisuu fedhe daallee hintahu; ammoo marroo dhugaa dubbadheef ufi hinguddisu; wantii akkanaatiif anin nama tokkollee ka na saadu hinfedhuu, ammoo akka innii waan anin tolchee fi ka anin jedhe callaa argee saadu fedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani dhugaa waan dubbata'aaruuf, uduu boonuu barbaadee gowwaa hin ta'u; Haa ta'uu ammo eennullee waan na irratti argee fi waan na irraa dhagaye caalchisee akka na hin laakkoofneef boonuu dhiiseera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani dhugaa waan dubbata'aaruuf, boonuu uduu barbaadee gowwaa hin ta'u; Haata'uu ammoo, eennullee waan na irratti argee fi waan na irraa dhagaye caalchisee akka na hin laakkoofneef, boonuu dhiiseera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa, ani dhugaa waan dubbaduuf dhaadachuu yoo barbaade'llee gowwaa hin ta'u, garuu eennu'llee ana irratti ka arguu fi ani'llee ka dhagayuu olitti, tilmaama akka hin kennamnneef jedhee, dhaadachuu irraa ufi ni qusadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani dhugaa waan dubbataaruuf, ifi jajiisa yoo barbaadelle ani hin gowwoomu; ammoo eennulle waan na irratti dhagguu fi waan na irraa dhage'u caalaa akka hin herrenneef, ifi jajuu irraa ifi qusadha.