2 Corinthians 12:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Mudhii guddoo tanaan ha kaate akka ani hin koorre, wonni akka qore'ee nafa kiyya woraanee na farrisiisu, ergamaan Seexanaa anaa kenname.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo aka ufi guddisu na d'owani maro waan dansa ka anini argeetiifi, nafa kiyya keesa qoraatiini na woraante; wonti na d'ukubse suni aka ergattu Sheet'ana taate na gaargalchite ufi guddisu na d'owarte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo marroo waan dansaa anin argeetiif akka anin ufii guddisu na dhowan; waan akka qoraattiiti nafa kiyya keessaa na waraanee na dhukkubsa; wantii na dhukkubsaa kun akka ergamaa Sheexanaa taatee na gaargalchitee ufi guddisu na dhowarte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf guddinna manaabaatiin akka hin boonne, ergamaa seexanaa ka foon kiyya qucutu naa kenname. Kunillee akka ani uf hin janyeef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaaf guddinna manaabaatiin akka hin boonne, ergamaa seexanaa ka foon kiyya qucutu naa kenname. Kunillee akka ani uf hin janyeef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanniin wonittoota ol aanota natti mulidhatan irraa ka ka'een akka ufi hin dhaadinnef, foon kiyya akka qore'ee titti ka woraanu makkaraarnni naaf ni kenname, kun'llee barataa sheexanaa ta'u'uun ana gad qabee makkaraarssu'uun, akka ani ufi hin dhaadinne ana taasisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mudhii guddoo tanaan ta kaate akka ani hin koorre, wonni akka qore'ee nafa kiyya woraanee na farrisiisu, ergamaan Seexanaa naa kenname.