2 Corinthians 13:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani waan kanaaf, adoo fagoo jiruu ergaa tana isiniif barreesse; akka kanaan gara keessan yennaa dhufu, baallii Goottaan anaaf kenneen ila isinitti hin jabaadhu; Goottaan baallii anaaf ka kenne akka isin ijaaruuf malee, akka isin diiguufii moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro waan kanatifi anini tatabe tana, ato fago isani ira jiraad'ele, isaniti t'aafa; aka yo d'ufu, anini jabeenna Aabbooni na kenneeni isaniti indalanne, jabeenna isaniini jabeesu ka isaniini balleesuniti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo waan kanaatiif anin ergaa tana adoo fagoo isan irraa jiraadheellee, isanitti barreessa; akka yo dhufu, anin jabeenna Aabboon naa kenneen isanitti hindallanne, jabeenna isaniin jabeessu malee ka isaniin balleessuniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani hennaa gara keessan dhufu wonti Gooftaan baallii naa kenneef isin diigu'uuf uduu hin taane, baallii naa kennametti fayyadamee isin ijaaru'uuf akka isin hin miineef fagoo taa'ee, waan kana isinii barreesseera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani hennaa gara keessan dhufu wonti Gooftaan baallii naa kenneef, isin diigu'uuf oduu hin taane, baallii naa kennameetti fayyadamee isin ijaaru'uuf, akka isin hin miineef fagoo taa'ee, waan kana isinii barreesseera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ergaa kana isin irraa fagaadhee uduu jiru ka isiniif barreesse woma kanaaf, bifa kanaan gara keessan yeroo dhufutti aangoo Gooftaan naa kenneen isin hin sarddu, Gooftaan aangoo ka naaf kenne isin ijaaruuf malee, isin diigu'uufii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani waan kanaaf, adoo fagoo jiruu ergaa tana isiniif barreesse; akka kanaan gara keessan yennaa dhufu, baallii Goottaan naaf kenneen ila isinitti hin jabaadhu; Goottaan baallii naaf ka kenne akka isin ijaaruuf malee, akka isin diiguufii moti.