2 Corinthians 2:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqa yennaa mara karaa Kiristoosiitiin injifattoota nu godhee, nu qajeelchuu fi beekkunsa marroo Kiristoosiitiif qannu akka uddawaa foolee dansaa qabuu, addee mara akka dhaqqassinnu nu godhuuf galanni te'uu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo galati Waaqa imbadiini! Yo nu Kristo keesa jirru, Waaqi hojja ch'ufa aka nama Kristoni boojie dabsachaani galchu nu yaasa. Aka urgaa qayyaa ka fulla ch'ufaa yaatu, Waaqi nama ch'ufati Kristo nuuni mullisa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo galatii Waaqaa hinbadiin! Yo nu karaa Kiristoo keessa jiru, Waaqii yo cufa akka nama Kiristoon booji'ee dabsachaan galchuu nu yaasa. Akka urgaa qayyaa ta fulaa cufa yaatuu, Waaqii nama cufaatti Kiristoo karaa kennaan mullisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo Waaqa karaa Kiristoosiitiin hennaa maraa mooyanna'aan asii fi achi nu naannessu, ka nuun hulee marattuu urgaa beekkumsaa ibsuu galanni haa ta'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo karaa Kiristoosiitiin hennaa maraa mooyanna'aan ka asii fi achi nu naanessu ka nuun hulee marattuu urgaa beekkomsaa ibsuu, Waaqaa galanni haata'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu ka nu yeroo maraa Kristosiin injifattoota taasisee nu eemaru'uu fi akka shittoo dibataa ka foolii mishaa qabuu titti, beekkomissa waayee Kristositiif qabnnu bakka maraa akka geessinu, ka nu taasisu Waaqa nu taasisuuf galanni haa ta'u!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqa yennaa mara karaa Kiristoosiitiin injifattoota nu godhee, nu qajeelchuu fi beekkumsa marroo Kiristoosiitiif qannu akka uddowaa foolee dansaa qabuu, addee mara akka dhaqqassinnu nu godhuuf galanni te'uu ti.