2 Corinthians 3:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nuuti akka muuse'eetii moti; inni calalaqa fuulaa ka badu san kolbaan Isiraa'elii akka hin dhaggineef fuula ifii gollate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu aka Musa injirru, ka hagogo matati uyifate aka gochiti Israeli ch'ululuqa fuula isaa ka baddu ingarre.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu akka Muusee hinjirru, ka gochitii Israa'ellii cululuqa fuula isaa ka badu hingarree hagooggoo mataatti uyifatee.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
San ka diiggama'aa ture; dhumatti akka ijoolleen Israa'elii xiinxallanii hin laallee akka golgaa Muuseen afoo isaaniititti golgee miti. Haa ta'uu ammo yaanni isaanii jal jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
San ka diiggama'aa ture; dhumatti akka ijoolleen Isiraa'elii xiinxallanii hin laalee akka golgaa Muuseen afoo isaaniititti golgee miti. Haata'uu ammoo yaanni isaanii jal jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Museen'llee dhaama'aa ka deemu calaqisuun fuula isaa haga dhabamisiifamutti, Israa'eeloonni akka isa hin argineef fuula isaa titti ni haguugata ture, nu'u garuu akka isaatii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuuti akka muuse'eetii moti; inni calalaqa fuulaa ka badu san kolbaan Israa'elii akka hin dhaggineef fuula ifii gollate.