2 Corinthians 3:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Qalbiin isaanii dhugumaan dillootteerti; haga guyyaa adhaalle kitaaba gondooroo dullatti'ii yennaa dubbisanu qalbiin isaanii gollaa saniin akkuma gollanteen jirti. Gollaan tunille karaa Kiristoosii qofaan ka baddu waan teeteef tun teete.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qalbi worraa gaafasi dukaneesani; haga arrale hagogooni suni qalbi worraa gubbuma teeti, ato kitaaba wold'aqisa duri soomanu. Yo nami Kristo keesa jiraate ch'alla hagogo suni nama iraa fuud'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qalbii warraa gaafas dukkaneesan; adoo kitaaba waldhaqiisa durii dubbisanuu, haga ardhaallee hagoggoon sun qalbuma warraa gubbaa teetti. Yo namii karaa Kiristoo keessa jiraate calla hagooggoo sun nama irraa fuudhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa waadaan duraa dubbifamu golgi sun haga adhaa isaan keessa jiraata. Golgi sun ka diiggamuun Kiristoosiin calla'aan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa waadaan duraa dubbifamu golgi sun haga adhaa isaan keessa jiraata. Golgi sun ka diiggamuun Kiristoosiin calla'aan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Onneen isaan dhugama hadoodee jira, haga adhaa titti'llee kitaaba waadaa duraanii yoo dubbisan, onneen isaanii waanuma isatti haguuganiin haguugeffamee jira. Kun'llee ka ta'u haguuggiin sun ka dhabamisiifamu Kristos qofaan waan ta'eef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qalbiin isaanii dhugumaan dillootteerti; haga guyyaa adhaalle kitaaba Gondooroo Qaraa yennaa dubbisanu qalbiin isaanii gollaa saniin akkuma gollanteen jirti. Gollaan tunille karaa Kiristoosii qofaan ka baddu waan teeteef tun teete.