2 Corinthians 3:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nuuti duudiin fuula hin gollamiiniin, ulfinna Waaqaa akka daaw'iti'iin mudhatuutitti hin calalassina; nuutille bifa Goottaa Ayyaana te'ee fakkaatiisaaf ulfinna irraa gara ulfinna hin jijjiiranna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nuuni ch'ufti guddinna Aabbo fuula hagogo inqamneeni akuma dawiti mullimna; kara kanaani gara nu galchani, aka isa fakaannu guddinna muumme inqamneeni; Aabbooni ka akana tolchu Lubbu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nuun cuftii guddinna Aabboo fuula hagooggoo hinqamneen akkuma daawitii mullimna; karaa kanaan akka isa fakkaannu guddinna muummee hinqamneen gara nu galchan; Aabboon akkana tolchu kun hafuura.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu nu martii keenna ulfinna Goofta'aa ka golga'aan hin golgamne afoo Goofta'aatitti akka uf arga'aa calalaqu'uun Gooftaa Ayyaana ta'e fakkaanna. Bifa ulfinna Goofta'aatiin ta'u'uu san fakkaannee ulfinnaa gara ulfinnaa jijjiiramna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu nu martii keenna ulfinna Goofta'aa ka golga'aan hin golgamne afoo Goofta'aatitti akka uf arga'aa calalaqu'uun Gooftaa Ayyaana ta'e fakkaanna. Bifa ulfinna Goofta'aatiin ta'u'uu san fakkaannee ulfinnaa gara ulfinnaa jijjiiramna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nu'u marri keennaa fuula hin haguuggaminiin taanee akka waan daawi'ite'een laalamu'uu titti, ulfinna Goofta'aa ni calaqisiifnna, hafuura keenna'llee ka ta'e bifa Goofta'aa fakkaachu'uuf, ulfinnaa gara ulfinnaa titti ni jijjiiraminna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuuti duudiin fuula hin gollamiiniin, ulfinna Waaqaa akka daaw'iti'iin mudhatuutitti hin calalassina; nuutille bifa Goottaa Ayyaana te'ee fakkaatiisaaf ulfinna irraa gara ulfinna hin jijjiiranna.