2 Corinthians 3:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tajaajiltoota Gondooroo Haareyaa akka teenuuf ka dandeetti nu'uuf kenne isa; gondooroon tun ta Ayyaana Woyyichaati malee, ta seera qube'een barreeffameetii moti. Seerri qube'een barreeffame du'a fida; Ayyanni Woyyichi ammoo jiruu kenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
isati nu dandeesise aka wold'aqisa hareesa kanaani hojannu, wold'aqisi kuni waan seera t'aafaniitiniti ammo waan Lubbuuti. Seeri t'aafani duisaani d'ufa, ammo Lubbuuni nama jireesiti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
isaatti akka waldhaqiisa haareessa kanaan hojjannu nu dandeessise, waldhaqiisii kun waan seera barreessanitinitii waan hafuuraati. Seerii barreessan du'aan dhufa, hafuurii ammoo nama jireessa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee akkasumaa Ayyaanaan malee qube'een waan hin taaneef akka tajaajiltoota waadaa haarawaa tanu nu taasise; qubeen hin ajjeessa; Ayyaanni Woyyuun ammo jireenna kenna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee akkasumaa Ayyaanaan malee, qube'een waan hin taaneef tajaajiltoota waadaa haarawaa akka tanu nu taasise; qubeen hin ajjeessa; Ayyaanni ammoo jireenna kenna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tajaajilttoota waadaa haarawaa akka taanuuf gaye'eessummaa ka nuuf kenne isa, kun'llee Seera qube'een barreeffameen uduu hin ta'in gargaarssa Hafuura Qulqullu'uutiin, Seerri qube'een barreeffame du'a ni fida, Hafuurri Qulqulluun garuu jireenna ni kenna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tajaajiltoota Gondooroo Haareyaa akka teenuuf ka dandeetti nu'uuf kenne isa; gondooroon tun ta Ayyaana Woyyichaati malee, ta seera qube'een barreeffameetii moti. Seerri qube'een barreeffame du'a fida; Ayyanni Woyyichi ammoo jiruu kenna.