2 Corinthians 3:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Seerri dhakaa baxxicha irratti qube'een bocameeraayyu; ifi yennaa seerri kenname jiru kuun badaa ka deemu te'ulle, kolbaan Isiraa'elii fuula muuse'eetitti ila qaddee ilaaliisaaf hin dandeenne. Egasuu seerri du'a fide ulfinna akkanaatiin yoo mudhate,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Seera duri d'akha gubbati t'aafani, hojja seera suni kennani guddinni Waaqa imullate. Ato guddinni suni badele, fuuli Musa guddo ch'ululuqe, gochiti Israeli isa ilaalu dad'abde. Yo Seeri, ka hujiini isaa duisaani d'uftu, guddinna kana ch'ufaani d'ufe,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Seera durii dhakaa gubbaatti barreessan, yo seera sun kennan guddinnii Waaqaa inmullate. Adoo guddinnii sun badeellee, fuulii Muusee guddoo cululuqee, gochitii Israa'elii isa ilaaluu dadhabde. Yo Seerii, ka hujiin isaa du'aan dhuftu, guddinna kana cufaan dhufee,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Seerri Rabbii ka dhagaa baxxicha irratti qube'een qirqidamee kenname ka ulfinnaan mudhate sun ka bada'aa deemu ta'ullee namoonni Israa'elii fuula Muuse'ee ol jedhanii ija isaa keessa laalu haga dadhabanitti tajaajilli du'aa ka qube'ee sun yoo ulfinnaan ta'e;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Seerri Rabbii ka dhagaa baxxicha irratti qube'een qirqidamee kenname ka ulfinnaan mudhate sun ka bada'aa deemu ta'ullee; namoonni Isiraa'elii fuula Muuse'ee ol jedhanii ija isaa keessa laalu haga dadhabanitti tajaajilli du'aa ka qube'ee sun yoo ulfinnaan ta'e;
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Seerri ka bocame gabatee dhaga'aa irratti qube'een ture, Seerri yeroo kennametti'llee ifin ni jira ture dhabamisiifama'aa ka deemu yoo ta'e'llee, Israa'eeloonni fuula Muse'ee guutatanii laalu'unii hin danda'an, eegaa seerri du'a fide ulfinna bifa akkanaatiin yoo muldhate,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Seerri dhakaa baxxicha irratti qube'een bocameeraayyu; ifi yennaa seerri kenname jiru kuun badaa ka deemu te'ulle, kolbaan Israa'elii fuula muuse'eetitti ila qaddee ilaaliisaaf hin dandeenne. Eegasuu seerri du'a fide ulfinna akkanaatiin yoo mudhate,