2 Corinthians 4:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Jiruun Yesuusii nafa keenna ka du'u irratti akka mudhattuuf, nuuti worri jirruuyyuu marroo Yesuusiitiif yennaa mara du'aaf dabarfannee hin kennanna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Haga jirru ch'ufa diquma maro Kristotiifi indoone, aka jireenni isaa nafa keenna ka duu kana keesati mullatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka Jireennii Yesus nafa keenna keessaatti mullatuuf haga lafa tana irra jirru cufa marroo Kiristootiif jennee diqqumaa hindhumane (du'aatti ufii kennina).
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jireenni Yesuusii ammo nafa keenna ka du'u irratti akka mudhatuuf nu worri jiraattota taane sababaa Yesuusiitiin hennaa maraa du'aaf dabarfamnee waan kennamneef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jireenni Yesuusii ammoo nafa keenna ka du'u irratti akka mudhatuuf, nu worri jiraatoota taane, sababaa Yesuusiitiin hennaa maraa du'aaf dabarfamnee waan kennamneef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jireenni Yesusii qaama keenna du'aa irratti muldhachu'uuf akka danda'uuf, nu'u jiraattonni yeroo maraa waayee Yesusiitiif yeroo mara, du'aaf dabarffamnnee ni kennamnna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jiruun Yesuusii nafa keenna ka du'u irratti akka mudhattuuf, nuuti worri jirruuyyuu marroo Yesuusiitiif yennaa mara du'aaf dabarfannee hin kennanna.