2 Corinthians 4:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Teetuu malee Barreeffama Woyyicha keessatti, “Ani dhugeeffadhe; tanaaf dubbadhe” akkuma jedhante, nuutille ayyaanuma dhugeeffanna'aa san waan qannuuf hin dhugeeffanna. Sababa kanaaf hin dubbanna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
T'aafiini, Maro d'ugefad'eefi dubbad'e jetti. Akasuma nuleeni garaa d'ugefachaatiini maro d'ugefanneefi dubbanna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Barreessiin qulquulloon, “Mar. roo dhugeefadheef dubbadhe” jetti. Akkasuma nulleen garaa dhugeeffachaatiin marroo dhugeeffanneef dubbanna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo «ani amanee dubbadhe» jedhamee akkuma barreeffame, Ayyaana amanti'ii sanuma waan qabnuuf; nullee akkasuma hin amanna; kanaaf dubbanna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo ani amanee dubbadhe jedhamee akkuma barreeffame, Ayyaana amanta'aa sanuma waan qabnuuf; nullee akkasuma hin amanna. Kanaaf dubbanna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haa ta'u malee, «Amane, kanaaf dubbadhe» jedhamee, akkuma barreeffame, nu'llee hafuuruma amanti'ii tokko sun waan qabnnuuf ni amanna, kanaaf'llee ni dubbanna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Teetuu malee Barreeffama Woyyicha keessatti, «Ani dhugeeffadhe; tanaaf dubbadhe» akkuma jedhante, nuutille ayyaanuma dhugeeffanna'aa san waan qannuuf hin dhugeeffanna. Sababa kanaaf hin dubbanna.