2 Corinthians 4:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi, “Ifi dukkana keessatti ifuu ti” jedhee dubbate, ifa beekkunsa ulfinnna ifii ka fuula Kiristoosii irraa mudhatu, gadhaa keenna keessatti akka ifu godhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii, dukkana keessaatti ibseen ha ibsituu jedheeti ibsee tana garaa keenna keessatti ibse, akka ibsee hubachaa guddinna Waaqaa ta fuula Kiristooti ibsuu nuu keennu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kiristoosiin afo'otti ulfinni beekkumsa Rabbii ifa akka kennu; garaa keenna keessatti ifni ifuun; dukkana keessatti ka ifiti haa ifu jedhe Rabbiin waan ta'eef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kiristoosiin afo'otti ulfinni beekkomsa Rabbii ifa akka kennu; garaa keenna keessatti ifni ifuun; dukkana keessatti ka ifiti haa ifu jedhe Rabbiin waan ta'eef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Ifin dukkana keessaan haa ifu!» jedhee ka dubbate, Waaqinni bifa Kristositiin ka ibisu ifa ulfinna Waaqaa beeku'uu akka nuuf kennuuf, ifin isaa onnee teenna keessatti akka ifu taasise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi, «Ifi dukkana keessatti ifuu ti» jedhee dubbate, ifa beekkumsa ulfinna ifii ka fuula Kiristoosii irraa mudhatu, gadhaa keenna keessatti akka ifu godhe.