2 Corinthians 4:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo hunni waan duudii irra caaltu tun, Waaqa irraa malee nu'u irraa akka hin te'in akka beekkamuuf karra ayyaantittii tana akka okkotee faaraa teenee qabanneerra.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nu worri hori lubbu kana qabu aka okote faara jirra, aka nu jabeenna inqamne ammo Waaqi jabeenna gudda qabu agarsiisani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo nu warrii horii hafuuraa kana qabu akka okkotee faaraa jirra; akka jabeennii guddaan ka Waaqaa malee, keenna hinta'in garsiimna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo guddinna hunna Rabbii irraa malee nu irraa akka hin taane akka beekkamu waan kabajjamaa akka mi'a faaraa taanee galmee kana uf keessatti qabanneerra.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo guddinna hunna Rabbii irraa malee, nu irraa akka hin taane akka beekkamu waan kabajjamaa akka mi'a faaraa taanee galmee kana uf keessatti qabanneerra.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu kun huminni maraayyuu caalu ka Waaqaati malee keenna ta'uu dhabuun isaa akka beekkamuuf, waan ulfaataa kana akka meeshaa faaraa taanee qabanneenii jirra.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo hunni waan duudii irra caaltu tun, Waaqa irraa malee nu'u irraa akka hin te'in akka beekkamuuf karra ayyaantittii tana akka okkotee faaraa teenee qabanneerra.