2 Corinthians 5:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nafi keenna ka lafa tanaa, ka akka dunkaanaa keessa leenu yennaa diigame, mana harka namaatiin hin ijaaramin, ka Waaqi ol-gubba'atti ijaare akka qannu hin beenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu imbeenna aka yo waaro nu keesa teennu tana tarsaasani — waarooni tuni nafa keenna — Waaqi mana nu keesa teennu nu mid'aasa, mana inni harka ufitiini mid'aasu, ka haga hegeri tau.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo waaroo lafaa, ta nu amma keessa teennu tana jechuun nafa keenna lafa tana irraa balleessanii, akka mana namii harkaan hinjaariin ka haga jiruu jireenna taa'u, ka gubbaa jiru, Waaqaa biraa qamnu in beenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Manni keenna ka ardii tanaa ka akka daase'eetitti keessa jiraannu yoo diiggamellee mana harka namaatiin hin ijaaramne ka Rabbii sami'iitiin ijaarame akka qabnu waan beennuuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Manni keenna ka ardii tanaa ka akka dukkaana'aatitti keessa jiraannu yoo diiggamellee mana harka namaatiin hin ijaaramne ka Rabbii sami'iitiin ijaarame akka qabnu waan beennuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun akka dukkaanaa ka yeroo ka ta'e foon keenna ka lafaa yoo diigamu, harka namaatiin uduu hin ta'in Waaqaan ka ijaarame mana jireennaa ka bara baraa sami'itti akka qabnnu, ni beekinna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nafi keenna ka lafa tanaa, ka akka dunkaani'ii keessa leenu yennaa diigame, mana harka namaatiin hin ijaaramin, ka Waaqi ol-gubba'atti ijaare akka qannu hin beenna.