2 Corinthians 5:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami tokko tokkonuu nafa ifiitiin adoo jiruu, waan dansaalle te'e hantuu godheef, akkuma hujii ifiititti gatii dhaggatiisaaf, nuuti martinuu fuula barcumaa mura'aa ka Kiristoosii duratti dhikaatuu qanna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nuuni ch'ufti Kristo dura eju malle, aka inni dubbi teenna qore, nami ch'ufti waan argachu male argatu, waan inni nafaani tolche gula, hamtuufi dansale.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka innii dubbii teenna qoree, namii cuftii waan nafaan tolchee ka argachuu mallee, hamtuu fi dansaallee, argatuu, nuun cuftii Kiristoo dura ejjuu malle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni martinuu nafa ufii irratti waan mishaa ta'ee'e, waan hamaa hojjatee, akkuma hujii ufiitiin waan gatii argatuuf nu maruu teessoo murtii Kiristoosii afoo dhaabanna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni martinuu nafa ufii irratti waan mishaa ta'e, waan hamaa hojjatee, akkuma hujii ufiitiin waan gatii argatuuf nu maruu teessoo murtii Kiristoosii afoo dhaabanna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tokkoon tokkoon jireenna isaa ka biyya lafaa titti waan raawwate hamaa ta'ee mishaaf'llee akkaataa hujii isaatiin gatii isaa fudhachu'uuf, marri keennaa murti'iif teessoo Kristosii duranatti, dhiyaachuu ni qabnna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko tokkonuu nafa ifiitiin adoo jiruu, waan dansaalle te'e hantuu godheef, akkuma hujii ifiititti gatii dhaggatiisaaf, nuuti martinuu fuula barcumaa mura'aa ka Kiristoosii duratti dhikaatuu qanna.