2 Corinthians 5:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worra keessa ifiitiin adoo hin te'in, waan alaan mudhatuun ifi jajanuuf deebii kenniisa akka dandeettanu, nu'uun akka ifi jajjannuuf malee, nuuti ammalle deebinee ifi saadiisaafii moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu ammalle isani durati ufi d'ugeesu imfeenu; ammo waan isani maro teennaafi ufi guddisu maltanifi isaniti himna, aka isani worra nafa hameennatifi ufi koorsu ka ammo adaba hameennatifi ufi inkoorsine woi iti himatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu ammallee isan duraatti ufii dhugeessuu hinfeenuu; ammoo waan isan marroo teennaaf ufii guddisu maltaniif isanitti himna, akka isan warra nafa hammeennaatii fi ufi koorsu ka ammoo adaba hammeennaatii fi ufi hinkoorsine wa itti himatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra keessa isaaniitiin uduu hin ta'in waan diidaa mudhatuun uf jajaniif deebii isaanii deebiftan akka qabaattan akka nuun boontan sababaa isinitti himna malee, uf isinii galatoonfatu'uufii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra keessa isaaniitiin uduu hin ta'in waan diidaa mudhatuun uf jajaniif deebii isaanii deebiftan akka qabaattan akka nuun boontan, sababaa isinitti himna malee, uf isinii galatoonfatu'uufii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka onnee jiruun uduu hin ta'in waan mulidhatuun worri dhaadataniif deebii kennuu akka dandeettaniif, nu'uun akka dhaadattaniif carraa isiniif ni kennina malee, deebinee nu'u isiniif mataa keenna hin galateesinu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra keessa ifiitiin adoo hin te'in, waan alaan mudhatuun ifi jajanuuf deebii kenniisa akka dandeettanu, nu'uun akka ifi jajjanuuf malee, nuuti ammalle deebinee ifi saadiisaafii moti.