2 Corinthians 5:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dunkana lafa tanaa keessa haga jirru, ba'aan nu'utti ulfaattee aadaarra; wonni nuuti aadaarruuf duuti jiru'uun jijjiirantee, nafa ol-gubba'aa akka uffannuuf malee, nafa keenna ka lafa tanaa irraa adda bayiisa barbaanneetii moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Haga nafa keenna kana qamnu aka nama gaargalchani lalefanna; nu nafa keenna injibinu, ammo nafa gubbaa fed'achu feena, aka jireenni waan dua dabsatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Haga nafa keenna kana qamnu akka nama gaargalchanii laaleffanna; nu nafa keenna hinjibinuu, ammoo akka jireennii waan du'aa dabsatu nafa gubbaa fedhachu feena.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga daasee kana keessa jirru nutti ulfaatee wixxifanna. Sababaanillee ka du'aa ta'ee jireennaan akka liqimfamuuf nafa jireenna sami'iillee akka uffannuuf malee, akka qullaa taanuufii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga dukkaanaa kana keessa jiru nutti ulfaatee wixxifanna. Sababaanillee ka du'aa ta'ee jireennaan akka liqimfamuuf nafa jireenna sami'iillee akka uffannuuf malee, akka qullaa taanuufii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana ka akka dukkaanii biyya lafaa ta'e foon keenna keessa yoo jiraannu nutti ulffaatee ni woyanna, ka woyyannu'llee duuti jireennaan akka jijjiiramu, qaama sami'ii caala'atti akka uffanuuf malee, foon keenna ka biyya lafaa kana irraa fooyamu'uuf, barbaadu'uunii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dunkaana lafa tanaa keessa haga jirru, ba'aan nu'utti ulfaattee aadaarra; wonni nuuti aadaarruuf duuti jiru'uun jijjiirantee, nafa ol-gubba'aa akka uffannuuf malee, nafa keenna ka lafa tanaa irraa adda bayiisa barbaanneetii moti.