2 Corinthians 6:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nuuti Waaqa woliin ka hunyu waan teeneef, badhaadha Waaqaa ka fudhattane akkanumaan hin balleessina'a jennee isin kadhanna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Huji teenna ta nu Waaqa woliini hojannu keesati nu isani kad'anna: ya eeba Waaqa argattani, imballeesina.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu warrii hujjii Waaqaa waliin hujjannu, isan kadhannaa, eebba Waaqaa hinballeesinaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nu worra Rabbiin woliin hojjata waan taaneef badhaani Rabbii ka fudhattan akka duwwaa hin taane yaboo isiniin jenna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nu isa woliin hojjata'aa, badhaadhummaa Rabbii akkanumaan akka hin fudhanne akkasuma hin kadhanna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqaan woliin worra hojjannu akka ta'uu keennaa titti kennaa isaa ka bilisaan hin hanbbisinaa jennee, isin ni kadhanna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuuti Waaqa woliin ka hunyu waan teeneef, badhaadha Waaqaa ka fudhattane akkanumaan hin balleessina'a jennee isin kadhanna.