2 Corinthians 6:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma nuuti gadhaa isinii badhanne, isinille gadhaa nu'uuf badhadha'aa jedhee akka ijoollee tiyyaatitti isinitti dubbadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini aka waan isani ijoolle tiyya isaniti dubbad'a. Waan nu isani seenu isanileeni nu seha. Garaa keesani nuu bana!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin akka waan isan ijoollee tiyyaa isanitti dubbadha. Waan nu isan seenu isaniilleen nu sehaa! Garaa keessan nuu banaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin ijoollee tiyya waan taataniif akkana isiniin jedha. Akkuma nu garaa keenna isinii banne, isinillee garaa keessan nuu banaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin ijoollee tiyya waan taataniif akkana isiniin jedha. Akkuma nu garaa keenna isinii banne, isinillee garaa keessan nuu banaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma Abbaan ijoollee isaa titti dubbatu haa dubbadhuutii, nu'u onnee teenna baldhinnaan bannee akkuma fedhii keenna isiniif ibisinetti, isin'llee akkuma kana raawwadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma nuuti gadhaa isinii badhanne, isinille gadhaa nu'uuf badhadha'aa jedhee akka ijoollee tiyyaatitti isinitti dubbadha.