2 Corinthians 6:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Galmi Waaqaa, waaqota dharaa woliin woliigaltee maan qaba? Akkuma Waaqinuu, “Mana kiyya kolbaa tiyya oddu'utti hin godha; odduu isaaniille hin le'a; Ani Waaqa isaanii hin te'a, isaanille kolbaa tiyya hin te'an” jedhe, nuuti Galma Waaqa jiraata'aati.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mani Waaqa, waan harkaani boch'ani ka worri Waaqa imbeenne kad'atuuni wolintaani? Nu Mana Waaqa jiruuti! Akuma Waaqi ufiini jed'e, Anini mana kiyya worra woliini jaarad'e worra woliini taa, anini Waaqa worraa tahe, worrileeni gumi tiyya taha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Manii Waaqaa, waan harkaan bocan ka warrii Waaqaa hinbeenne kadhatuun walii hintaanii? Nu Mana Waaqaa jirruuti! Akkuma Waaqii ufiin jedhe, Anin mana kiyya warra waliin jaaradhee, warra waliin taa, anin Waaqaa warraa tahee, warriilleen gumii tiyya taha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Manni Rabbii woyyuun waaqa tolfamaa woliin firooma maal qaba? «Nu mana woyyuu Rabbii maraa olii waan taaneef, akkasuma Rabbi akkana jedhee dubbate; «Ani isaan keessa jiraadha, isaan wodhakkaa deddeebi'a; Waaqallee isaanii ta'a. isaanillee banii kiyya ta'an»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Manni Rabbii woyyuun, waaqa tolfamaa woliin firooma maal qaba? «Nu mana woyyuu Rabbii jiraata'aa waan taaneef, akkasuma Rabbi akkana jedhee dubbate; Ani isaan keessa jiraadha, isaan wodhakkaa deddeebi'a; Waaqallee isaanii ta'a. isaanillee banii kiyya ta'an»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Manni Waaqeffannaa ka Waaqaa waaqolee harkaan hojjatamaniin woliin woliigalttee maal qaba? Waaqinni'llee, «Bakka jireenna kiyyaa ummata kiyya jidduu ni taasisa, isaan woliin'llee ni jiraadha, Ani Waaqa isaanii ni ta'a, isaan'llee ummata kiyya ni ta'an» jedhee akkuma dubbate, nu'u tokkoon tokkoon keenna Mana Waaqeffannaa Waaqa jiraata'aati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Galmi Waaqaa, waaqota dharaa woliin woliigaltee maan qaba? Akkuma Waaqinuu, «Mana kiyya kolbaa tiyya oddu'utti hin godha; odduu isaaniille hin le'a; Ani Waaqa isaanii hin te'a, isaanille kolbaa tiyya hin te'an» jedhe, nuuti Galma Waaqa jiraata'aa ti.