2 Corinthians 6:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Addee akkasii waan goonu maraan akka tajaajiltoota Waaqaatitti rakkoo, farraa fi muddama ossiisaan ifi dhikeessina.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo waan tolchinu ch'ufa keesati aka hojattu Waaqa ufi agarsiisu feena. Gaargalafi d'ipufi hameenna ch'ufa inoobsina.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo waan tolchinu cufa keessaatti akka hojjatoota Waaqaa ufi agarsiisuu feena. Gaargala, dhiphuu fi hammeenna cufaa inobsina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo waa maraanuu akka tajaajiltoota Rabbiititti uf dhiyeessina. Jabaannee dhaabachu'uun, rakkinnaan, miidhamu'uun, dhiphachu'uun,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, waa maraanuu akka tajaajiltoota Rabbiititti uf dhiyeessina. Jabaannee dhaabachu'uun, rakkinnaan midhamu'uun, dhiphachu'uun,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana irra rakkoo rakkinnaa fi sarddama'llee obissa'aa akka tajaajilttoota Waaqaa titti, karama kamiinuu mataa keenna ni dhiyeesina.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Addee akkasii waan goonu maraan akka tajaajiltoota Waaqaatitti rakkoo, farraa fi muddama ossiisaan ifi dhikeessina.