2 Corinthians 7:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Jaalota tiyya, addiin tun duudiin waan nu'uu kennanteef, waan nafaa fi ayyaana keenna xureessu duudii irraa kowa'a ifi qulqulleessina; Waaqalle sodaataa woyyummaan teenna mijuu akka teetu kowa'a goona.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kakhu tana ch'ufa nuu khakhatani, jaalaani tiyya! Tanaafi waan nafafi lubbu t'ureesa laganna, qulqulloomne soda Waaqaa keesa tau malle.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Kakuu tana cufa nuu kakatan, jaallaan tiyya! Tanaaf waan nafaa fi hafuura xureessaa lagannaa, qulqulloomnee sodaa Waaqaa keessa taa'uu mallee.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa jaalatamtoota kiyya dubbii abdi'ii kana yoo qabaanne, sodaa Rabbiitiin woyyummaa guutuu godhu'uun waan nafa kennaaf ayyaana keenna batteessu maraa irraa uf haa qulqulleessinuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa jaalatamtoota kiyya dubbii abdi'ii kana yoo qabaanne, sodaa Rabbiitiin woyyummaa guutuu godhu'uun waan nafa kennaaf ayyaana keenna batteessu maraa irraa uf haa qulqulleessinuu. Isin garaa keessan nuu badhisaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa yaa obboleeyyan, abddiin kun marrinuu ka kenname nu'uf waan ta'eef, Hafuura waan batteessu waanuma kamiin irraayyuu, mataa keenna haa qulqulleessinuu, Waaqa'llee sodaachu'uun qulqullaayomnni muda maleessa akka ta'u haa taasfnnu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jaalota tiyya, addiin tun duudiin waan nu'uu kennanteef, waan nafaa fi ayyaana keenna xureessu duudii irraa kowa'a ifi qulqulleessina; Waaqalle sodaataa woyyummaan teenna mijuu akka teetu kowa'a goona.