2 Corinthians 7:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre ani isiniif barreessulle, hinaaffaan isin fuula Waaqaa duratti nu'uuf qaddanu akka isiniif ifa teetu malee, marroo nama yaakkaa hujeetii fi yakkametiifii moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi ato anini tatabe suni t'aafele, anini maro nama wollaala tolcheefi maro nama wollaala iti tolchanifile int'aamne. Ammo woni anini t'aafeefi aka fuula Waaqa durati aka isani nu jaalattani diideese agarsiisu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf anin adoo ergaa sun barreesseellee, marroo nama wallaala tolcheetii fi marroo nama wallaala itti tolchaniifiillee hinbarreesinee, ammoo wannii anin barreesseef akka fuula Waaqaa duraatti akka isan nu jaalattan diideesee garsiisuuf.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa waan isinii barreessellee yoo ta'e, jabeenni waan keennaaf qabdan isin biraa Rabbiin afo'otti akka mudhatuuf malee, waan ka yakkeetii fi yookaan waan ka yakkamee hin barreessine.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa waan isinii barreessellee yoo ta'e, jabeenni waan keennaaf qabdan; isin biraa Rabbiin afo'otti akka mudhatuuf malee, waan ka yakkeetii fi yookiin waan ka yakkamee hin barreessine.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf yoma isiniif barreesse'llee ani isinii ka barreesse hisanni isin nu'uuf qabddan, Waaqa duranatti isiniif ifa akka ta'uuf jedheeti malee, waayee nama balleessaa hojjateetii fi waayee nama miidhaan isa irratti raawwatameetiif jedheetii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre ani isiniif barreessulle, hinaaffaan isin fuula Waaqaa duratti nu'uuf qaddanu akka isiniif ifa teetu malee, marroo nama yakkaa hujeetii fi yakkametiifii moti.