2 Corinthians 7:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Jajjabeenna keenna caalaa gammada Tiitoos dhaggateen ka caalu gammanneerra; wonni nuuti gammanneefille isin duudiin Tiitoos waan jajjabeessitanee fi yaada isaa foorfachiittaneef.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro waan kanatifi nu garaa jabaanne. Nu garaa ch'alla injabaanne; ammo gammada Tito arginaani guddo ufile gammanne; isani ch'ufti Tito qarqaartani gammachiiftani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo waan kanaatiif nu garaa jabaanne. Nu garaa callaa hinjabaannee; ammoo gammada Tiitoo arginaan guddoo ufiillee gammanne; isan cuftii Tiitoo qarqaartanii gammachiiftan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf jajjabaanneerra. Waan jajjabaachuu keennaatii fi waan gammachuu Tiito'ootiif guddifnee gammanne. Qalbiin isaa isinitti waan hara baafateef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaaf jajjabaanneerra. Waan jajjabaachuu keennaatii fi waan gammachuu Tiito'ootiif guddifnee gammanne. Qalbiin isaa isinitti waan harabaafateef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jajabaachuu keennaa alatti'llee gammachuu Tiitoos argateen caala'atti gammannee jirra, ka gammanne'llee marri keessanuu Tiitoosiin waan jajabeesitaniinii fi hafuura isaa'llee waan boqachiifttaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jajjabeenna keenna caalaa gammada Tiitoos dhaggateen ka caalu gammanneerra; wonni nuuti gammanneefille isin duudiin Tiitoos waan jajjabeessitanee fi yaada isaa foorfachiittaneef.