2 Corinthians 7:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani ifi jajiisa isiniin qabu Tiitoositti himeeraayyu; isinille ana hin qaanessine; nuuti yennaa maraa dhugaa isinitti hinneerra; maarre ifi jajiisi marroo teessaniif Tiitoositti hinne, dhugaa akka teete mirakanootteerti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini guddo waan keesani isati odeese, isanileeni na inch'eersine. Nu hojja ch'ufa ya d'uga isaniti dubbanne. Akasuma wonti nu Titoni jenne ya d'uga taate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin guddoo waan keessan isaatti hime, isaniilleen na hinceersine; nu yo cufa ya dhugaa isanitti dubbanne. Akkasumaa wantii nu Tiitoon jenne ya dhugaa taate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isiniin boonuu kiyya isatti himee ture; isinillee na hin saalfachiifne; wonti isinitti hima'aa turre maruu akka dhugaa ta'e akkasuma dhaaduun waan keessan Tiito'otti hima'aa ture maruu akka dhugaa ta'e mirkanaayeera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaaf waan keessaniif yoo dhaadadhe waan hin saalfanneef, haata'uu ammoo waa maraa isinitti dhuga'aan akka dubbanne akkasuma ammoo boonuun keenna afoo Tiito'ootitti dhugaa ta'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhaaduu isiniin ni qaba ture Tiitoostti himee jira ture, isin'llee ana hin saalfachiifnne, yeroo maraa dhugaa isinitti ni hima ture, kun'llee waayee keessaniif dhaaduun Tiitoostti himnne, dhugaa ta'uu isaatiin mirkanaayee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ifi jajiisa isiniin qabu Tiitoositti himeeraayyu; isinille na hin qaanessine; nuuti yennaa maraa dhugaa isinitti hinneerra; maarre ifi jajiis marroo teessaniif Tiitoositti hinne, dhugaa akka teete mirkanootteerti.