2 Corinthians 7:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa lafa Maqedooniya'aa geennelle, rakkoon karaa adda addaatiin nu dhaqqadde malee hin foorfanne; alaan lola, keessa keennaan sodaa qannaayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi Makedoniani baanele nafi keenna boqota inarganne. Fulla ch'ufa gaargalafi woldidiisafi sodati jira garaa keenna keesa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii Maqedooniyaan baaneellee nafii keenna boqota hinarganne; fulaa cufa gaargala, waldidiisaa fi sodaatti garaa keenna keessa jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa gara Maqedooniya'aa dhufne waa maraanuu rakko'otu nu irra gaye malee hara hin baafanne. Diida lolatu jira; keessa ammo soda'atu jira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa gara Maqedooniya'aa dhufne waa maraanuu rakko'otu nu irra gaye malee, hara hin baafanne. Diida lolatu jira; keessa ammoo soda'atu jira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroma Maqedooniyaa geennettuu kallattii baayi'e'een rakkinnatu nurra gaye malee boqannaa woyiituu hin arganne, alaan wol dhaba, keessan'llee soda'atu nutti jira ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa lafa Maqedooniya'aa geennelle, rakkoon karaa adda addaatiin nu dhaqqadde malee hin foorfanne; alaan lola, keessa keennaan sodaa qannaayyu.